Matthew 12:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
namichi harka laashoweeru tokko achi jiraayyu; jarri Yesuus himatiisaaf barbaadde takka, “Guyyaa Sanbataatiin fayyisiis seerumaa?” jettee isa gaafatte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namicha toko ka harki rifateti achi jira. Jennaani aka sila Yeso himatani waan jed'aniini, Guyya Sabato nama fayyisitiini fullaa mo fullaaniti?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namicha tokko ka harkii rifateetti achi jiraa jennaan, jarii akka silaa Yesus himataan, “Guyyaa Sanbataa nama fayyisuun fulaa moo fulaaniiti?” jedhee gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namichi harka naafate tokko achi jira. Jarri Yesuusiin himatu'uuf soqan gariin, «Guyyaa Sambataatiin isa fayyisuun seerumaa?» jedhanii isa gaafatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namichi harka naafate tokko achi jira. Jarri Yesuusiin himatu'uuf soqan gariin, «Guyyaa Sambata diqqa'aatiin isa fayyisuun seerumaa?» jedhanii isa gaafatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Achi'llee namicha harka naafaa tokkotu jira ture, Yesusiin waan ittiin himatan namoonni barbaadan tokko tokko, «Guyyaa Sanbbataatiin dhukkubsataa fayyisuun eeyyamamee jira ree?» jechu'uun ni gaafataniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
namichi harka laashoweeru tokko achi jiraayyu; jarri Yesuus himatiisaaf barbaadde takka, «Guyyaa Sanbataatiin fayyisiis seerumaa?» jettee isa gaafatte.