Matthew 12:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus yennaa tana beeke, addee san lakkisee deeme. Gumiin hedduulle isa hordotte, innille worra dhibame mara fayyisee,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan kana d'ageennaani achi kae deeme, duuba nami hedduuni isa gula yae. Inni nama ch'ufa fayyise,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus waan kana dhageennaan ka'ee achii deeme; jennaan namii hedduun isa gula yaa'e; innii nama cufaa fayyisee,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus yaada isaanii beekee achii siiqe. Namoonni hedduu isa faanaa deemanii isaan maraa hin fayyise.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee yaada isaanii beekee, achii siiqe. Namoonni hedduu isa faanaa deemanii isaan maraa hin fayyise.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus garuu marri isaanii hama'aa beekee bakka san dhiisee ni deeme, namoonni baayi'een'llee isa horddofanii ni deeman, worra dhukkubisatan mara'llee ni fayyise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus yennaa tana beeke, addee san lakkisee deeme. Gumiin hedduulle isa hordotte, innille worra dhibame mara fayyisee,