Matthew 12:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni haga muraa dhuga'aa injifachiisutti leemmee caddee haanxottelle hin cassu; yookiin ifa kululu hin dhaanfu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni ilaadu melatte inch'absu, yokhaani ifse aartule ind'aamsu, haga d'uga dabsachiisuuti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii haga dhugaa dabsachiisutti, illaadduu millatee hincabsu, yokaan ibsee aartuullee hindhaamsu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni murtii dhuga'aa haga irra aansutti Ooyyaa leemmanii hin cabsu, fooyaa ibsaa jirbi'iillee hin dhaamsu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni murtii dhuga'aa haga irra aansutti Ooyyaa leemmaniillee hin cabsu, fooyaa ibsaa jirbi'iillee hin dhaamsu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ooyyaa leemmanii tumamee bullaaye'llee, hin cabssu, jirbii aarttu ta dungoo'llee hin dhaamissu, kana'llee ka raawwatu, haga murtiin qajeelaan, injifatee moo'attuuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni haga muraa dhuga'aa injifachiisutti leemmee caddee haanxottelle hin cassu; yookiin ifa kululu hin dhaanfu.