Matthew 12:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus yaada isaanii beekee, “Mootummaan takka gargar ifi qoqooddee ta wol loltu yoo teete hin jiddi, qachaan yookiin maatiin takka gargar ifi qoqooddee ta wol loltu yoo teete hin dhaabbatu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni herega worraa beennaani waan worraani jed'e, Nami lafa toko ka gosaani gargari qodamu imbada. Ammalle diri yokhaani mani gargari qodamu aka d'aabatu inqabu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus herrega warraa beennaan, “Namii lafa tokkoo ka gosaan gargarii qoodamu inbada. Ammallee dirii yokaan manii gargarii qoodamu akka dhaabatu hinqabu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus yaada isaanii beekee akkana isaaniin jedhe, «Mootummaan wolitti ka'ee gar gar wol qoqqoodu maruu hin bada. Qachaan gar gar wol qoqqooddu martinuu hin jiddi.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus yaada isaanii beekee akkana isaaniin jedhe, «Mootummaan wolitti ka'ee gargar wol qoqqoodu maruu hin bada. Qachaan gargar wol qoqqooddu martinuu hin jiddi.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee yaada isaanii beekee akkana isaaniin ni jedhe, «Mootummaan tokko adda qoodamee ufii isaatii ka wolitti bu'u yoo ta'e, mootummaan sun ni kufa. Akkuma kana magaalaan tokko yookiin maatiin tokko, ufii isaatii adda yoo fooyame jabaatee jiraachu'uuf hin danda'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus yaada isaanii beekee, «Mootummaan takka gargar ifi qoqooddee ta wol loltu yoo teete hin jiddi, qachaan yookiin maatiin takka gargar ifi qoqooddee ta wol loltu yoo teete hin dhaabbatu.