Matthew 12:26 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Seexannille Seexana yoo baase, inni ifi qoqooda; mootummaan isaa attamiin dhaabbatti ree?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akasuma duuba yo Sheet'ani Sheet'ana baase, inni yayu gargari qodame; akamiini dandae jabeennaani lafa fida re?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkasumaa duuba sheexanii yo Sheexanaa baasee, innii yaayyuu gargarii qoodamee, akkam danda'ee jabeennaan lafa fida ree?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jinniinillee yoo jinnii baase, inni ufii uf qoqqooda. Eegasuu mootummaan isaa attamiin dhaabatti ree?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Jinniinillee yoo jinnii baase, inni ufii uf qoqqooda. Eegasuu mootummaan isaa attamiin dhaabatti ree?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Sheexanni'llee sheexana ka baasu yoo ta'e, ufii isaatiiyyuu gargar fooyame jechu'u, eegaa mootummaan isaa attamitti jabaatee jiraachu'uuf danda'a ree!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Seexannille Seexana yoo baase, inni ifi qoqooda; mootummaan isaa attamiin dhaabbatti ree?