Matthew 12:29 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Yookiin namicha jabaa dursee hidhu malee, attamiin nami tokko mana namicha jaba'aa san seenee karra isaa saamuu dande'a? Eega isa hidhe mana isaa saamuu dande'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami akami dandae mana nama jaba seene miha hata, yo qaraa fiit'e abba mana inhid'iini? Yo suni dandae mana isaa seene hata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Yo qaraa abbaa manaa hidhamellee namii akkam danda'ee mana nama jabaa seenee mi'a hatuu dandaa? Yo qaraa isa hidhe mana isaa seenee hatuu dandaa.”
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Yookaan namni tokko duraan dursee uduu namicha jabaa hin hiine gara mana namicha jabaa sanii seenee attamitti mi'a isaa saamuu danda'a? Haga namicha san hidheen maayessa mana isaa saamuu danda'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Yookiin namni tokko duraan dursee uduu namicha jabaa hin hiine, gara mana namicha jabaa sanii seenee mi'a isaa saamuu attamitti danda'a? Haga namicha san hidheen maayessa mana isaa saamuu danda'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kanaan naminni tokko durssee jabaa uduu hin hidhin gara mana nama jaba'aa aseenee, qabeenna isaa saamu'uuf attamitti danda'a? Jabaa eega hidheen duubatti garuu, qajeelatti qabeenna isaa saamu'uuf ni danda'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Yookiin namicha jabaa dursee hidhu malee, attamiin nami tokko mana namicha jaba'aa san seenee karra isaa saamuu dande'a? Eega isa hidhe mana isaa saamuu dande'a.