Matthew 12:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Daawwitii fi worri isa woliin jiru yennaa beelowane waan inni godhe isin hin dubbinnee?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan worraani jed'e, Isani waan Daudifi jari isa woliini jiru beelomnaani tahani insoomne?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii ammoo deebisee warraan, “Isan waan Daawtii fi jarii isa waliin jiru beelomnaan ta'e hindubbimnee?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Daawitii fi worri isa woliin turan hennaa beelayan waan inni godhe hin dubbifnee? Inni mana Rabbii seenee xoroshoo ciinca'aa ka seerri gadootaaf malee, isaa fi worra isa woliin jiraniif hin kennine nyaate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Daawitii fi worri isa woliin turan hennaa beelayan, waan inni godhe hin dubbifnee? Inni mana Rabbii seenee, xoroshoo ciinca'aa ka seerri gadootaaf malee, isaa fi worra isa woliin jiraniif hin kennine nyaate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee akkana isaaniin jedhe, «Daawiitii fi namoonni isa woliin ni jiran turan yeroo beelayanitti, waan Daawiitii raawwate gonkumaa isin hin dubbifanne moo?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Daawitii fi worri isa woliin jiru yennaa beelowane waan inni godhe isin hin dubbinnee?