Matthew 12:31 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf ani isinitti hima, Waaqa faanshessiisaa fi cubbuu maraaf nami araara hin dhaggata, nami Ayyaana Woyyicha faanshessu ammoo araara hin dhaggatu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi waan anini isaniti himu: Ch'ubbufi araba hama nami wo arabsu, namaa inaraaramani, ammo nami Lubbu Qulqulloti muratu araarama inargattu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf waan anin isanitti himuu, cubbuu fi arraba hamaa namii wa arrabsu, namaa in araaraman, namii ammoo Hafuura Qulqullootti muratuu araarama hinargatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu akkana isiniin jedha, Cubbuunii fi nama arrabsuun martinuu namootaa hin dhiifama. Haa ta'uu ammo ka Ayyaana Woyyuu arrabsuu hin dhiifamu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu akkana isiniin jedha, Cubbuunii fi nama arrabsuun martinuu namootaa hin dhiifama. Haata'uu ammoo Ayyaana Woyyuu ka arrabsuu hin dhiifamu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf naminni ka raawwatu cubbuun kamiiyyuu yookiin jecha arrabaa maraafuu dhiifamnni ni taasfamaaf isiniin jedha, Hafuura Qulqulluu irratti dubbii arrabaa nama dubbatuuf garuu, balleessaa isaatiif, dhiifaminni hin taasfamuuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf ani isinitti hima, Waaqa faanshessiisaa fi cubbuu maraaf nami araara hin dhaggata, nami Ayyaana Woyyicha faanshessu ammoo araara hin dhaggatu.