Matthew 12:33 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Muki midhaan isaatiin waan beekkamuuf, miidhaan dansaa akka qabaattanuuf, muka dansaa qabaadha'a; muka badaa yoo qabaattane midhaan badaa hin qabaattan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mukhi dansaani mid'aani dansaa d'ala, mukhi hamaani mid'aani hamo d'ala. Mukha ch'ufa mid'aani inni d'aluuni beekhani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus itti dabree, “Mukii dansaan midhaan dansaa dhala, mukii hamaan midhaan hamoo dhala. Mukaa cufaa midhaan innii dhaluun beekan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Munni daraaraa isaatiin waan beekkamuuf daraaraa mishaa akka qabaattaniif, muka mishaa qabaadhaa'a; muka daraaraa badaa daraaru yoo qabaattan daraaraa badaa argattan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Munni daraaraa isaatiin waan beekkamuuf, daraaraa mishaa akka qabaattaniif, muka mishaa qabaadhaa'a; muka daraaraa badaa daraaru yoo qabaattan, Daraaraa badaa argattan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Mukin marrinuu firii isaatiin waan beekkamuuf muka mishaa qabaadhaa, firiin isaa'llee mishaa ni ta'a, mukinni badaa yoo ta'e garuu firiin isaa'llee badaa ni ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Muki midhaan isaatiin waan beekkamuuf, midhaan dansaa akka qabaattanuuf, muka dansaa qabaadha'a; muka badaa yoo qabaattane midhaan badaa hin qabaattan.