Matthew 12:39 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus ammoo deebisee, “Dhalooti hama'aa fi gaarayyeeffataan beessisa gaafata, ammoo beessisa Yoonaasii raagichaa malee beessisi dhibiin hin kennamuuf.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Yesoni waan jed'eeni, D'alooti kunini hama, Waaqa dida, akheekha barbaada, akheekhi nama agarsiisani injiru, ka raaga Yona male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammoo, “Dhalootii kunin hamaa, Waaqaa didaa, akeeka barbaada, ka raaga Yoonaas malee akeekii nama agarsiisan hinjiru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ammo deebisee akkana isaaniin jedhe, «Dhaloonni hamaanii fi worri seebaran malkata soqan malkata raaga raatticha Yoonaasii malee malkanni biraa hin kennamuuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus ammoo deebisee akkana isaaniin jedhe, «Dhaloonni hamannii fi worri seebaran malkata soqan malkata raaga raatticha Yoonaasii malee, malkanni biraa hin kennamuuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni garuu akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Hama'aa fi dhaloonni hin amanne baasa argu'uuf ni barbaada, garuu baasa nabiyyicha Yoonaasiitiin alatti, baafinni bira'aa hin kennamuuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus ammoo deebisee, «Dhalooti hama'aa fi gaarayyeeffataan beessisa gaafata, ammoo beessisa Yoonaasii raagichaa malee beessisi dhibiin hin kennamuuf.