Matthew 12:4 — Compare Translations

5 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni gara mana Waaqaa seenee, daabboo Waaqaaf kennante, hayyoota qofa malee, inni yookiin worri isa woliin jiru nyaatiisaaf ta Seerri dhooggu nyaate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni Mana Waaqa olseene, qit'a Waaqaa baasani fud'ate, nyaate wahela isaleeni gahe — qit'a nami tokoleeni, qaalole male, nyaachu himmalini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii Mana Waaqaa olseenee, qixxaa Waaqaa baasan, ka qaallolee malee, namii tokkoolleen nyaachuu hinmalin fudhatee, nyaatee waahela ufiilleen ga'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni gara Mana Waaqaa aseenee qeesotaa malee isa ta'ee, namoonni isa woliin turan'llee akka nyaataniif ka isaanii hin eeyyamin, hibsittii qulqullaayome ni nyaate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni gara mana Waaqaa seenee, daabboo Waaqa dura dhikaattu, hayyoota qofa malee, inni yookiin worri isa woliin jiru nyaatiisaaf ta Seerri dhooggu nyaate.