Matthew 12:40 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkuma Yoonaasiin raagichi halkan sadii fi guyyaa sadiin gadhaa qurxummii guddichaa keessa ture; maarre Ilmi Namaalle halkan sadii fi guyyaa sadiin awwaala keessa hin tura.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akuma Yonani guyya sadifi halkani sadi garaa qurt'umi keesa tae, akasuma Ilmi Namaleeni guyya sadifi halkani sadi boola keesa taa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkuma Yoonaas guyyaa sadii fi halkan sadii garaa qurxummii keessa taa'ee, akkasuma ilmii namaalleen guyyaa sadii fi halkan sadii boolla keessa taa'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma Yoonaasiin raattichi halkan sadihii fi guyyaa sadihii garaa qurxummii guddichaa keessa ture; Ilmi Namaa halkan sadihii fi guyyaa sadihii garaa lafaa keessa tura.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkuma Yoonaasiin raattichi halkan sadihii fi guyyaa sadihii garaa qurxummii guddichaa keessa ture; maarre Ilmi Namaa halkan sadihii fi guyyaa sadihii garaa lafaa keessa tura.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yoonaas garaa qurxummii guddichaa keessa guyyaa saadihii fi halkan sadihi akkuma bule, akkuma kana Ilmi Namaa'llee awwaala keessa guyyaa sadihi fi halkan sadihi ni bula.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma Yoonaasiin raagichi halkan sadii fi guyyaa sadiin gadhaa qurxummii guddichaa keessa ture; maarre Ilmi Namaalle halkan sadii fi guyyaa sadiin awwaala keessa hin tura.