Matthew 12:42 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Mootittiin kibbaa qaccee biyya lafaatii qarummaa solomoonii caqasiisaaf waan dhutteef, guyyaa mura'aa dhaloota kana woliin kaatee itti murti, kunoo ka Solomoon caalu as jira!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya Mura hayyitiini lafa Sheba olkaate d'aloota kana himatti isiini muumme lafati baate aka qarooma Solomoni ch'aqaftu; ammo kuno, wonti Solomoni ira jira arma jirti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guyyaa muraa qaalittiin lafa mirgaa olkaateetti dhaloota kana himatti; isiin akka qarooma Solomoon caqafatu muummee lafaatii dhufte; ammoo kunoo wantii Solomoon irra jiraa arma jirti” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootittiin Azeeb guyyaa murti'ii san dhaloota kanniin woliin kaatee itti murteessiti. Ogummaa Solomoonii dhagayu'uuf daangaa lafaatii kaatee waan dhufteef kunoo ka Solomooniin caalu as jira.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Mootittiin Azeeb guyyaa murti'ii san dhaloota kanniin woliin kaatee itti murteessiti. Ogummaa Solomoonii dhagayu'uuf daangaa lafaatii kaatee waan dhufteef, Kunoo ka Solomooniin caalu as jira.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Mootittiin kibbaa ogummaa Solomoonii dhagayu'uuf daangaa biyya lafaatii waan dhuftteef, guyyaa murti'ii titti dhaloota bara kanaa woliin kaatee isa irratti ni murteessit, amma garuu ka Solomooniin caalu asi ni jira.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootittiin kibbaa qaccee biyya lafaatii qarummaa solomoonii caqasiisaaf waan dhutteef, guyyaa mura'aa dhaloota kana woliin kaatee itti murti, kunoo ka Solomoon caalu as jira!» jedhe.