Matthew 12:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yookiin hayyooti Guyyaa Sanbatatiin Galma Waaqaa keessatti hujii yoo hujane, yakkaa te'ee akka itti hin lakkowanne, Seera Muuse'ee keessatti isin hin dubbinnee?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yokhaani isani Seera Musa keesa aka qaaloleeni guyya Sabato Mana Waaqa keesa seera Sabato ch'absitu ammo wollaala inqamne insoomne?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yokaan isan seera Musee keessa akka qaalloleen guyyaa Sanbataa mana Waaqaa keessa seera Sanbataa cabsitu ammoo wallaala hinqamnee hindubbimnee?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gadoonni guyyaa Sambataa mana woyyuu keessatti, Sambataan hojjatanii akka hin yakkine, isin Seera Muuse'ee keessatti hin dubbifnee?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gadoonni guyyaa Sambataa mana woyyuu keessatti, Sambataan hojjatanii akka hin yakkine, isin Seera Muuse'ee keessatti hin dubbifnee?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana qeesonni guyyaa Sanbbataatiin Mana Waaqeffanna'aa titti Sanbbataa yoo diigan balleessaa ta'ee akka isaanitti hin laakkayamnne, seera karaa Muse'eetiin kenname keessatti waan barreeffame isin hin dubbifinne moo?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yookiin hayyooti Guyyaa Sanbataatiin Galma Waaqaa keessatti hujii yoo hujane, yakkaa te'ee akka itti hin laakkowanne, Seera Muuse'ee keessatti isin hin dubbinnee?