Matthew 12:50 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nami fedhii Abbaa kiyya ka ol-gubba'aa godhu marti obboleessaa fi obboleettii tiyya, haadha tiyyalle'e” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nama waan Abbaani kiyya ka gubba fed'u tolchu ch'allati oboleesafi, oboleetifi, haad'a tiyya.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nama waan Abbaan kiyya ka gubbaa fedhu tolchu callatti obbooleessaa, obbooleetii fi haadha tiyya” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu raawwatu maruu, obboleessa kiyyaa fi obboleettii tiyya; haadha tiyyalle'e» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu raawwatu maruu, obboleessa kiyyaa fi obboleettii tiyya, haadha tiyyalle'e» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Samii ka jiru fedhii Abbaa kiyya ka raawwatu marrinuu, obboleessa kiyya, obboleetti'ii fi haati tiyya'llee isaan» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami fedhii Abbaa kiyya ka ol-gubba'aa godhu marti obboleessaa fi obboleettii tiyya, haadha tiyyalle'e» jedhe.