Matthew 13:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Dhossaa mootummaa Waaqaa akka beettanu isiniif kennanteerti, isaaniif ammoo hin kennanne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan worraani jed'e, waan Finna gubba ka d'ossani ya isani barsiisani, ammo worra imbarsiimne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus warraan, “Waan Mootummaa Waaqaa ka dhossaan ya isan barsiisan, warra ammoo hinbarsiimne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Dhossaa jeennata sami'ii beekuun isinii kennameera. Isaaniif ammo hin kennamne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Dhossaa jeennata sami'ii beekuun isinii kennameera. Isaaniif ammoo hin kennamne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Isiniif waayeen dhossaa Mootummaa Sami'ii beeku'uu kennamee jira, isaaniif garuu hin kennamnneef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Dhossaa mootummaa Waaqaa akka beettanu isiniif kennanteerti, isaaniif ammoo hin kennanne.