Matthew 13:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
qalbiin isaanii waan sigiddeef, gurri isaanii hin dhage'u, ilti isaanii dunuunfatteerti, maarre isaan ila isaaniitiin hin ilaalanu, gurra isaaniille'een hin caqasanu, qalbii isaani'iitille'een hin hubatanu, hin deebi'anulle'e, anille silaa isaan hin fayyisaayyu’ jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Garaani gumi tana ya daallae. Gurri worra yayu duude, ilaale ya dunuunfatani, aka woma ingarre, aka gurraleeni woma ind'ageenne aka garaani woma inhubanne, aka nati deebiani, anini imfayimne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Garaan gumii tanaa ya daalla'e, gurrii warraalleen yaayyuu duude, akka wa hingarre, ilaallee ya dunuunfatan, akka gurralleen wa hindhageenne, akka garaan wa hinubanne, akka natti deebi'anii, anin hinfayyimne’ jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garaan banii kanaa waan jabaateef, gurri isaanii hin dhagayu, Ija ufiitiin hin dunuunfataniiran; maarre isaan ija ufiitiin hin argan, gurra ufiitiinillee hin dhagayan, qalbii ufiitiinillee hin hubatan, hin deebi'anille'e, anillee silaa isaan hin fayyisa› jedhame raawwatameera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Qalbiin banii kanaa waan jabaateef, gurri isaanii hin dhagayu, Ijji isaanii dunuunfateera maarre isaan ija isaaniitiin hin argan, gurra isaaniitiinillee hin dhagayan, qalbii isaaniitiinillee hin hubatan, hin deebi'anille'e, anillee silaa isaan hin fayyisa› wonti jedhame raawwatameera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Onneen ummata kanaa hadooddee jira, gurri isaanii'llee duudee, ijji isaanii'llee dununfatanii jiran, akkana uduu ta'uu dhabaateetii, ija isaaniitiin laalanii, gurra isaaniitiin'llee dhagayanii, onnee isaanii titti'llee hubatanii, gara kiyya deebi'anii ani'llee isaan ni fayyisa ture.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
qalbiin isaanii waan sigiddeef, gurri isaanii hin dhage'u, ilti isaanii dunuunfatteerti, maarre isaan ila isaaniitiin hin ilaalanu, gurra isaaniille'een hin caqasanu, qalbii isaaniitille'een hin hubatanu, hin deebi'anulle'e, anille silaa isaan hin fayyisaayyu› jedhe.