Matthew 13:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ammoo ilti teessan waan dhaggituuf, gurri keessanille waan dhage'uuf isin ka badhaatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo ayaana keesani ka ilti teesani lafa gartu, gurri keesanileeni woi d'agayu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan ammoo ka iltii teessan lafa gartu, ka gurrii keessaniilleen wa dhaga'u la badhaatan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ijji teessan ammo waan argituuf, gurri keessanillee waan dhagayuuf isin worra eebbifame.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ijji teessan ammoo waan argituuf, gurri keessanillee waan dhagayuuf isin worra badhaadhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Keessan garuu ijji waan laalanii fi gurri keessan'llee waan dhagayuuf, ka eebbifaman.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ammoo ilti teessan waan dhaggituuf, gurri keessanille waan dhage'uuf isin ka badhaatane.