Matthew 13:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami jecha mootummaa Waaqaa dhage'ee hin hubatin, akka sanyii karaa keessatti facaafantee ti. Hamaalessi dhufee waan gadhaa isaa keessatti facaafame butata.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nami dubbi Finna d'agaye inhubatiini, hamaani kaani d'ufe, waan garaa isaa keesati fach'aasani kaani keesaa fuud'a. Kunini mid'aani d'aatu kara jige.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii yo dubbii mootummaa Waaqaa dhaga'ee hinhubatin, hamaan kaan dhufeetti, waan garaa isaa keessatti facaasan kaan keessaa fuudha. Kunin midhaan dhaattuu karaa jige.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni dubbii jeennataa dhagayee yoo hubatuu baate, akka sanyii karaa keessatti facaafamteeti. Hamtichi dhufee dubbii garaa isaa keessatti facaafame san keessaa guurata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni dubbii jeennataa dhagayee yoo hubatuu baate, akka sanyii karaa keessatti facaafamtee ti. Hamtichi dhufee dubbii garaa isaa keessaa san facaafame keessaa guurata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
sanyiin karaa biratti bu'e ka muldhisu, dubbii Mootummaa Waaqaa dhagayee waayee nama hin hubanneeti, bakkumatti sheexanni dhufee onnee isaa keessatti dubbii facaafame, irraa ni fudhata,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami jecha mootummaa Waaqaa dhage'ee hin hubatin, akka sanyii karaa keessatti facaafantee ti. Hamaalessi dhufee waan gadhaa isaa keessatti facaafame butata.