Matthew 13:21 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Te'uu malee inni hidda hin qabu, yennaa qofaaf jabaata malee, sababa jechaatiif yennaa rakkoon yookiin miidhaan kaatu, inni yoosuma gufata.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo hidda inqabu, haga diqa obse, hojja d'ipufi gaargali maro dubbi tanaatiifi d'ufu yoosu gufata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo hidda hinqabu, haga diqqaa oobsee, yo dhiphuu fi gaargalii marroo dubbii tanaatiif itti dhufu yoosuu gufata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo inni hidda hin qabu, hennamaaf jabaata malee; sababa dubbii Rabbiitiif hennaa rakkinniinii fi ari'amuun dhufe yoma san gufata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo inni hidda hin qabu, hennamaaf jabaata malee, sababa dubbii Rabbiitiif hennaa rakkinniinii fi ari'amuun dhufee yoma san gufatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Haa ta'u yeromaaf malee onnee isaa keessatti hidda gad hin fageeffanne, kanaaf sababa dubbii Waaqaatiin rakkinni tokko yookiin ari'ataminni yeroo isa irra gayetti, dafee ni gufata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee inni hidda hin qabu, yennaa qofaaf jabaata malee, sababa jechaatiif yennaa rakkoon yookiin miidhaan kaatu, inni yoosuma gufata.