Matthew 13:22 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Sanyiin qoreelee odduu buute sun nama jecha dhage'u, ammoo yaaddoon lafa tanaatii fi jaalalli durumma'aa jecha hudha, midhaanille hin buusu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mid'aani qoraati keesati fach'aasani suni nama dubbi d'agaye, ammo herega lafatiifi sobi durooma dubbi taani ukaamse, mid'aani d'alu d'owu fakaata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Midhaan qoraatti keessatti facaasan sun nama dubbii dhaga'ee, ammoo herrega lafaatii fi sobii duroomaa dubbii taan ukkaamsee, midhaan dhaluu dhowwu fakkaata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sanyiin qoree edduu bu'e sun nama dubbii dhagayu, ka ammo yaanni adunyaa tanaatii fi jaalalli durumma'aa isa sobee dubbii Rabbii waan hin hubanneef ka sanyii hin godhanne ta'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Sanyiin qoree edduu bu'e sun nama dubbii dhagayu, ka ammoo yaanni adunyaa tanaatii fi jaalalli durumma'aa isa sobee dubbii Rabbii waan hin hubanneef ka sanyii hin godhanne ta'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Qoree ximmiraayaa jiddu'utti sanyiin facaafame ka muldhisu, waayee nama dubbii Waaqaa yero'oof dhagayuuti, haa ta'u malee yaadinni biyya lafaa kanaatii fi jaalalli qabeennaa gara onnee isaa aseenee, dubbicha waan dhudhuuf firii malee ni hafa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sanyiin qoreelee odduu buute sun nama jecha dhage'u, ammoo yaaddoon lafa tanaatii fi jaalalli durumma'aa jecha hudha, midhaanille hin buusu.