Matthew 13:27 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Tajaajiltooti abbaa ficha'aalle dhufanee, ‘Gootta'a, fichaa keeti keessatti sanyii dansaa hin facaannee? Jigidaan kun eessaa dhufe ree?’ jedhaneen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Garbooti abbaati d'ufte waan jetteeni, Aabbo, atini sanyi dansa oobru tante keesati imfach'aamne? Akamiini raafu qabdi re?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Garbootii abbaatti dhuftee, ‘Aabboo atin sanyii dansaa oobruu tantee keessatti hinfacaamnee? Akkam aramaa qabdi ree?’ jettee gaafatte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hojjattoonni abbaa qonnaatiin, ‹Gooftaa'a! sanyii mishaa qonna kee keessatti hin facaafnee? sinaanni kun eessaa dhufe ree?› jedhaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hojjattoonni abbaa qonnaatiin, ‹Gooftaa'a, sanyii mishaa qonna kee keessatti hin facaafnee? sinaanni kun eessaa dhufe ree?› jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf tajaajilttoonni abbaa bakka qonnaa gara isaa dhiyaatanii, ‹yaa Gooftaa, bakka qonna keetii keessatti sanyii mishaa facaafttee hin turree? Eegaa, ingirdaanni eessaa dhufe?› jedhaniin.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tajaajiltooti abbaa ficha'aalle dhufanee, ‹Gootta'a, fichaa keeti keessatti sanyii dansaa hin facaannee? Jigidaan kun eessaa dhufe ree?› jedhaneen.