Matthew 13:35 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Wonni raagaan, “Mammaassaan afaan saaqadha; dadama biyya lafaatii jalqabee waan dhokate dubbadha” jedhe tanaan muumotte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tunini aka wonti raagi jed'e guutamtu: Anini afaani kiyya banad'e mammaasaani dubbad'a, anini waan haga lafti uumamte d'ossani hima.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tunin akka wantii raagii jedhee, ta innii, “Anin afaan kiyya banadheetti mammaassaan dubbadha, anin waan haga laftii uumamtee dhossaan hima” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wonti raagaan, «Mammaakaan afaan saaqadha; uumamuu Adunya'aatii jalqabee waan dhokate dubbadha» ka jedhe kanaan raawwatame.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Wonni raagaan, «Mammaakaan afaan saaqadha; uumamuu Adunya'aatii jalqabee waan dhokate dubbadha» ka jedhe kanaan raawwatame.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kun'llee sababinni ta'eef, nabiyyichaan akkana jedhamee ka dubbatame akka raawwatamuuf, «Haasaya kiyya fakkeennaan ni ibisa, biyyi lafaa yeroo uumamee jalaqabee waan dhokatee jiru, ni dubbadha.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wonni raagaan, «Mammaassaan afaan saaqadha; dadama biyya lafaatii jalqabee waan dhokate dubbadha» jedhe tanaan muummotte.