Matthew 13:40 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkuma jigidaan wolitti qabamee ibiddaan gubamu, muummee biyya lafaalle'etti akkasuma hin teeti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akuma raafu wolti guurani ibidaani gubani, akasuma eegi tanale taati.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkuma raafuu walti guuranii ibiddaan guban, akkassuma eegii tanaallee taati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma sinaanni wolitti qabamee ibiddaan gubatu, dhumti adunyaa tanaa akkasuma ta'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkuma sinaanni wolitti qabamee ibiddaan gubatu, dhumti adunyaa tanaa akkasuma ta'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
akkuma ingirdaanni buqqifamee, nadoo nado'oon hidhamee gubatu mara, muummee biyya lafaa titti'llee akkuma kana ni ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma jigidaan wolitti qabamee ibiddaan gubamu, muummee biyya lafaalle'etti akkasuma hin teeti.