Matthew 13:43 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Balchooti ammoo mootummaa Abbaa isaanii keessatti akka adu'uu hin ifan. Nami gurra qabu dhage'uu ti!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafasi jari d'uga aka adu Finna Abba worraa keesati ifsa. Yo gurra qabaattani, d'agaya.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gaafas jarii qajeelaan akka aduu mootummaa Abbaa warraa keessatti ibsa. Yo gurra qabaattan dhagaa!” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san qajeellonni jeennata Abbaa ufii keessatti akka adu'uu ifan. Namni gurra dhagayu qabu haa dhagayuu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa san qajeellonni jeennata Abbaa isaanii keessatti akka adu'uu ifan. Namni gurra dhagayu qabu haa dhagayuu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Worri qulqullaayotaa garuu Mootummaa Abbaa isaanii keessatti, akka adu'uu titti ni ifan, ka gurra dhagayu qabu haa dhagayu!»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Balchooti ammoo mootummaa Abbaa isaanii keessatti akka adu'uu hin ifan. Nami gurra qabu dhage'uu ti!» jedheen.