Matthew 13:44 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus, “Mootummaan ol-gubba'aa karra fichaa keessatti dhoffante, ta nami tokko dhaggee deebisee dhosse fakkaatti; achiin duuba gammadaan deemee waan qabu mara gurguree fichaa san bitate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Finni gubba aka hori oobru keesati d'ossani jira, ka nami argate, biyye irati deebise biraa deeme. Gammada ufi keesa waan qabu ch'ufa gurgure oobru suni bitata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Mootummaan Waaqaa akka horii oobruu keessatti dhossaanii jirti, ka namii argate, biyyee irratti deebisee biraa deemee, gammachuu keessa dhaqee waan qabu cufaa gurguree oobruu sun bitate.”
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma Yesuus, «Jeennanni sami'ii qabeenna lafa keessatti dhoffamte ka namni tokko argee deebisee dhosse fakkaatti; namichi kana argee haga dhosseen maayessa gammada'aa deemee waan qabu maraa gurguree maasaa san bitate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma Yesuus, «Jeennanni sami'ii qabeenna lafa keessatti dhoffamte, ka namni tokko argee deebisee dhosse fakkaatti; namichi kana argee haga dhosseen maayessa gammada'aa deemee waan qabu maraa gurguree maasaa san bitate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Mootummaan Sami'ii qabeenna lafa qonnaa keessatti dhoffamee jiruu ni fakkaatti. Naminni tokko'llee qabeenna kana yeroo argatetti deebisee ni dhosse, baay'inna gammachu'uu irraa kan ka'een'llee deemeeti, waan qabu maraa gurguree qonna san ni bite.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus, «Mootummaan ol-gubba'aa karra fichaa keessatti dhoffante, ta nami tokko dhaggee deebisee dhosse fakkaatti; achiin duuba gammadaan deemee waan qabu mara gurguree fichaa san bitate.