Matthew 13:52 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Innille isaaniin, “Tanaaf barsiisaan Seeraa ka mootummaa ol-gubba'aatiif leenji'e, abbaa manaa ka meya mana ifii keessaa waan haareyaa fi waan dullattii gad baasu fakkaata” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan worraani jed'e, Tanaafi nami seera beekhu ka waan Finna gubba barate, aka abba worraa ka subba ufi keesaa waan hareesafi dullacha baasu fakaata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus warraan, “Tanaaf namii seera beeku ka waan Mootummaa Waaqaa baraatee, akka abbaa warraa ka subba ufii keessaa waan haaraa fi dullattii baasuu jira” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Kanaafuu barsiisaan seeraa ka dhossaa jeennata sami'ii sirri'itti beeku abbaa manaa ka mana ufii keessaa mi'a haarawaa fi moofaa gad baasu fakkaata.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Kanaafuu barsiisaan seeraa ka dhossaa jeennata sami'ii sirri'itti beeku, abbaa manaa ka mana ufii keessaa mi'a haarawaa fi moofaa gad baasu fakkaata.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee, «Eegasuu waayee dhossaa Mootummaa Sami'ii ka sirri'itti beeku barsiisaan seeraa, mana kuusaa meesha'aatii haarawa ka ta'ee fi moofaa ka ta'e ka baasu, abbaan qabeennaa fakkaata» jechu'uun, isaaniif ni deebise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Innille isaaniin, «Tanaaf barsiisaan Seeraa ka mootummaa ol-gubba'aatiif leenji'e, abbaa manaa ka meya mana ifii keessaa waan haareyaa fi waan dullattii gad baasu fakkaata» jedhe.