Matthew 13:54 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni gara biyya ifii dhufee Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barsiise. Worri isa dhage'elle baaseffatanee, “Namichi kun qarummaa tana eessaa dhaggate, bilbaas kunille maan?” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
lafa ufi d'aqe, Mana Waaqa iti kad'atani keesati nama barsiise. Nami isa ch'aqase ch'ufti maadefate waan jed'e, Namichi kunini qalbi tanaafi humna waan mama kanaani tolchu eesaa argate?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
lafa ufii dhaqee, Mana Waldeennaa keessatti nama barsiise. Namii isa caqase cuftii maadeffatee, “Namichii kunin qalbii tanaa fi humna waan mamaa kanaan tolchu eessaa argate?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gara biyya ufiititti deebi'ee Mana sagada Yihuudotaa seenee haga isaan isa maalalanitti isaan barsiisa'aa ture. Isaanillee, «Namichi kun oggummaa kanaa fi hunna maalalee kana ittiin hojjatu eessaa argate?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gara biyya ufiititti deebi'ee Mana sagada Yihuudotaa seenee haga isaan isa maalalanitti isaan barsiisa'aa ture. Isaanillee, «Namichi kun oggummaa kanaa fi hunna maalalee kana ittiin hojjatu eessaa argate?» jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gara biyya isaa gara magaalaa Naazireetii dhufee bakkeewwan wolgayii isaanii titti, ummata ni barsiisa ture, worri isa dhageeffatan marri'llee maalalffachu'uun akkana ni jedhan turan, «Naminni kun ogummaa kanaa fi hujii maalale'ee kana garamii fide?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni gara biyya ifii dhufee Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiise. Worri isa dhage'elle baaseffatanee, «Namichi kun qarummaa tana eessaa dhaggate, bilbaasi kunille maan?» jedhane.