Matthew 14:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus du'a Yohaannisii yennaa dhage'e, addee san lakkisee qofuu hobolo'oon addee qoommi'ii dhaqe. Kolbaan deemuu isaa yennaa dhageette ammoo, qachaa keessaa baatee miilaan isa hordotte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan kana d'ageennaani achi kae hobolo keesa seene fulla nami injirre d'aqe. Ammo biyyiti gara inni jiru d'ageennaani dira keesa miilaani isa hordofte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus waan kana dhageennaan achii ka'ee hoboloo keessa seenee fulaa namii hinjirre dhaqe. Biyyitii ammoo gara innii jiru dhageennaan dira keessaa miilaan isa hordofte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusillee du'a Yohaannisii hennaa dhagaye, hulee sanii ka'ee hojja ufii yabalaan gara lafa udume'ee dhaqe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee du'a Yohaannisii hennaa dhagaye, hulee sanii ka'ee hojja ufii yabalaan gara lafa udume'ee dhaqe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus du'uu Yohaannisii yeroo dhagayanitti hoboloo yaabbateeti gara bakka udume'ee tokko adda isaa ta'uuf ni deeme. Ummanni'llee kana yeroo dhagayanitti magaalaa maraa baya'aa, miilaan ni horddofaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus du'a Yohaannisii yennaa dhage'e, addee san lakkisee qofuu hobolo'oon addee qoommi'ii dhaqe. Kolbaan deemuu isaa yennaa dhageette ammoo, qachaa keessaa baatee miilaan isa hordotte.