Matthew 14:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa latti galgalootte, barattooti dhufanee, “Addeen tun urma, lattille dhiiteerti; gumiin tun gara ollootaa dhaxxee sagalee akka bitattu gumii tana gad lakkisi!” jedhaneen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lafti galgaloomnaani jari Yeso gara isaa d'ufe waan jed'eeni, Fullaani tunini lafa alooti, aduuni ya d'iite, biyya galchi, ha yaani ollowaani keesa deemani sagale bitatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Laftii galgaloomnaan jarii Yesus gara isaa dhufee, “Fulaan tunin lafa gammoojjiitii, ammallee aduulleen ya dhiitee, ha olloowwan keessa yaanii sagalee bitataan biyya galchi” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa lafti dhiite, darasoonni gara isaa dhiyaatanii, «Lafti udume'e; hin dhiiteerti; kanaafuu gara gandootaa dhaqanii waan nyaatan akka bitatan gumii kana gad dhiisi» jedhaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa lafti dhiite, darasoonni gara isaa dhiyaatanii, «Lafti udume'e, laftillee dhiiteerti kanaaf gara gandootaa dhaqanii waan nyaatan akka bitatan gumii kana gad dhiisi» jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo dhiitetti'llee barattoonni isaa gara isaa dhiyaatanii, «Bakki kun gammoojji'i, guyyaan'llee dhiyee jira, kanaaf ummanni gara gandoota dhiyeenna jiranii deemee, nyaata isaanii akka bitataniif, isaan geegessi!» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa latti galgalootte, barattooti dhufanee, «Addeen tun urma, lattille dhiiteerti; gumiin tun gara ollootaa dhaxxee sagalee akka bitattu gumii tana gad lakkisi!» jedhaneen.