Matthew 14:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennuma san inni adoo gumii geegessuu barattooti hoboloo yaabbatanee abbaayaa gamatti isaan dura akka bu'anu godhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yesoni jara ufitiini, Hobolo keesa duuda galaana taaka jed'eeni, ufi isati biyya galche.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus haga ufii biyya galchu, jara ufitiin, “Hoboloo keessa duudaa galaana taakkaa” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus uduu gumii geegessa'aaru darasoonni isaa yabala keessa seenanii gara gamaa akka isa firrisanii bayan isaanitti hime.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus uduu gumii geegessa'aaru darasoonni isaa yabala keessa seenanii gara gamaa akka isa firrisanii bayan isaanitti hime.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti Yesus barattoota isaatiin, «Haga ani ummaticha geegessutti hoboloo yaabbadha'aa ana durssa'aatii gara gamaa ce'aa» jechu'uun, isaan ni ajaje.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennuma san inni adoo gumii geegessuu barattooti hoboloo yaabbatanee abbaayaa gamatti isaan dura akka bu'anu godhe.