Matthew 14:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Halkan gara iyya lukku'uu ta lammeeso'ootitti Yesuus bisaan gubbaa ideemaa gara barattoota ifii dhufe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Baraaqa Yesoni bisaani gubba deeme fulla worraa d'ufe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Baraaqa Yesus bisaan gubbaa deemaa fulaa warraa dhufe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Halkan keessa gara iyya lukkuu lammeesso'oo Yesuus galaana irra deema'aa gara isaanii dhufe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Halkan keessa gara iyya lukkuu lammaffa'aa Yesuus galaana irra deema'aa gara isaanii dhufe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Halkan keessaa saa'aatii sagaliin duubatti Yesus garba ciisaa irra tarkaanfata'aa, gara barattoota isaa ni dhufe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Halkan gara iyya lukku'uu ta lammeesso'ootitti Yesuus bisaan gubbaa ideemaa gara barattoota ifii dhufe.