Matthew 14:35 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Kolbaan lafa sanii Yesuus beetteen duuba, adaala san mara keessa ergaa ergitee worra dhibameeru mara gara isaa fichisiittee,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri lafa suni Yeso hubannaani reera suniti d'aamsa ergani nama d'ukuba qabu ch'ufaa isatiini d'ufani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii lafa sunii Yesus hubanaan reera sunitti dhaamsa ergee nama dhukkuba qabu cufaa isattiin dhufan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri hulee san jiran haga Yesuusiin ta'uu beekan, gara biyya naannaya isaanii jiran marattuu erganii dhukkubsattoota maraa gara isaa fidan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri hulee san jiran Yesuusiin ta'uu haga beekan, gara biyya naannaya isaanii jiran marattuu erganii, dhukkubsattoota maraa gara isaa fidan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni biyya san turan'llee Yesusiin ta'uu isaa yeroo beekanitti, gara bakkeewwan naannaya jiranii mara wolitti erganii, dhukkubisattoota gara isaa ni fidan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan lafa sanii Yesuus beetteen duuba, adaala san mara keessa ergaa ergitee worra dhibameeru mara gara isaa fichisiittee,