Matthew 14:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Mootichi gadde; te'uu malee kakuu ifiitii fi keessummaa ifii duratti waadaa galeef jedhee, mataan Yohaannisii akka isi'iif kennamu ajaje;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Herodeni lalefate, ammo maro kakhu isaatiifi ammalle maro keessuma isaatiifi, Kennaafi jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Herodis laalefatee, ammoo marroo kakuu isaatiif ammallee marroo keessuma isaatiif, “Kennaaf” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootiinillee hin gadde; Haa ta'uu ammo waan dura kakateef namoota isa woliin jiraniif jedhee, morma Yohaannisii muranii akka isi'ii kennan ajaje.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Mootiinillee hin gadde; Haata'uu ammoo waan dura kakatee fi namoota isa woliin jiraniif jedhee, mataa Yohaannisii muranii akka isi'ii kennan ajaje.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Nugusichi'llee waan kanaan ni gadde, haa ta'u malee waayee kakuu isaatii fi waayee namoota isaan woliin nyaataaf ta'anii jiranii qaani'iif jedhee, mataan Yohaannisii muramee akka kennamuuf ni ajaje.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi gadde; te'uu malee kakuu ifiitii fi keessummaa ifii duratti waadaa galeef jedhee, mataan Yohaannisii akka isi'iif kennamu ajaje;