Matthew 15:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waan isaanii lakkisa'a; isaan ballaa ballaa sooressu. Ballaan yoo ballaa sooresse, lamaanuu boolla keessa bu'an” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lakisa, worri balla. Yo nami ballaani balla d'ibiini deemu, worri lachu boola keesa bua.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
waan warraa lakkii! warrii ballaa, namii ballaan yo ballaa dhibiin deeme, warrii lachuu boolla keessa bu'a” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan isaanii dhiisaa'a; isaan worra ijaan hin argine ka worra ijaan hin argine masakku. Namni ijaan hin argina nama ijaan arguu hin dandeenne yoo masakke lamaanuu wol qabatanii boollatti badan» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan isaanii dhiisaa'a; isaan ballaa ballaa masakku. Ballaan ballaa yoo masakke lamaanuu wol qabatanii boollatti badan» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
isaan jaamotaa fi jaamota worra eemaran waan ta'aniif isaan dhiisaa, jaamaan jaamaa yoo eemare lamaanuu boolla keessatti ni kufan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waan isaanii lakkisa'a; isaan ballaa ballaa sooressu. Ballaan yoo ballaa sooresse, lamaanuu boolla keessa bu'an» jedhe.