Matthew 15:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Ani worra akka hoole'ee bade kolbaa Israa'elii qofaaf ergame” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Yesoni waan jed'eeni, Gara hooliye badde ta mana Israeli ch'allati na ergani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammoo, “Gara hooliyyee baddee ta mana Israa'el callaatti na ergan” jedheen
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus deebisee, «Ani banii Israa'eelii ta akka hoolotaa baddeef malee ta biraatiif hin ergamne» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus deebisee, «Ani banii Isiraa'eelii ta akka hoolotaa baddeef malee ta biraatiif hin ergamne» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee, «Ka ergameef mana Israa'eeliitii akka hoolotaa worra badan qofaaf» jechu'uun ni deebise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Ani worra akka hoole'ee bade kolbaa Israa'elii qofaaf ergame» jedheen.