Matthew 15:30 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Gumiin guddoon worra fafoye, worra ballaa, worra naafa, worra dubbatuu hin dandeennee fi worra dhibii hedduu fiddee gara isaa dhuttee, miila Yesuusii jala keette. Innille isaan fayyise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami hedduuni isati d'ufe, naafafi ballafi farrafi duudafi nama d'ukuba gosa heddu Yesotiini d'ufani, jennaani inni worra fayyise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii hedduun isatti dhufe, naafaa, ballaa, farraa, duudaa fi nama dhukkuba gosa hedduu qabu ittiin dhufanii jennaan, innii warra fayyise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gumiin hedduu naaftota, worra ijaan hin argine, worra duudotaa fi worra biraallee heddu qabatanii gara isaa fidanii luka Yesuusii jala kaayan. Innillee isaan fayyise.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gumiin hedduu naaftota, balloota, worra duudotaa fi ka biraallee heddu qabatanii gara isaa fidanii luka Yesuusii jala kaayan. Innillee isaan fayyise.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni baayi'een hokkolttoota, jaamota, naafota, duudotaa fi dhukkubissattoota kaanniin'llee qabanii gara Yesusii ni dhufan, miila isaa bira'llee isaan ni teessisan, inni'llee isaan ni fayyise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gumiin guddoon worra fafowe, worra ballaa, worra naafa, worra dubbatuu hin dandeennee fi worra dhibii hedduu fiddee gara isaa dhuttee, miila Yesuusii jala keette. Innille isaan fayyise.