Matthew 15:34 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus, “Xaltaa meeqa qaddan?” jedhee gaafate. Isaan, “Xaltaa torbaa fi qurxummii didiqqoo diqqoo takka qanna” jedhaneen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan worraani jed'e, Qit'a hagami qabdani? Worri, Nu qit'a torbaafi qurt'umi didiqo toko qamna jed'eeni.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus, “Qixxaa hagam qabdan?” warraan jedhe. Warrii, “Nu qixxaa torbaaf qurxummii didiqqoo tokko qamna” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus, «Xoroshoo meeqa qabdan?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Xoroshoo torbaa fi qurxummii didiqqoo qabna» jedhaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus, «Xoroshoo meeqa qabdan?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Xoroshoo torbaa fi qurxummii didiqqoo qabna» jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee, «Buddeena meeqa qabddan?» jechu'uun, isaan ni gaafate. Isaan'llee, «Buddeena torbaa fi qurxummii didiqqoo muraasa ni qabnna» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus, «Xaltaa meeqa qaddan?» jedhee gaafate. Isaan, «Xaltaa torbaa fi qurxummii didiqqoo diqqoo takka qanna» jedhaneen.