Matthew 15:38 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worri sagalee san nyaate, dubartootaa fi ijoolleen adoo hin laakkowamin dhiira kuma afur.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nad'eeni ijoolle male, nami nyaate haga kunki afuriti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nadheenii ijoollee malee, namii nyaate haga kuma afuriiti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Laakkobsi worra nyaatanii dubartootaa fi ijoolleen uduu hin laakkayamne dhiirti callaan kuma afur.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Laakkofsi worra nyaatanii dubartootaa fi ijoolleen uduu hin laakayamne dhiirti callaan kuma afur.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni nyaatan'llee dubarttootaa fi ijoolleen uduu hin lakkaayamin, dhiiraan kuma afurii ni turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri sagalee san nyaate, dubartootaa fi ijoolleen adoo hin laakkowamin dhiira kuma afur.