Matthew 15:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi, ‘Abbaa keetii fi hadha teeti ulfeessi’, ‘Nami Abbaa yookiin haadhaa abaaru dhugumaan du'uu qaba’ jedhee ajajeera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi waan jed'e, Abbaafi haad'a tanteti saalfad'u; nama abbaafi haad'a ufi arabsu ha ijeesani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii, ‘Haatetii fi abbeetii saalfadhu; nama haadhaa fi abbaa ufii arrabsu ha ijjeessanii!’ jedha,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi, ‹Abbaa keetii fi haadha tee kabajji!› akkasuma, ‹Namni abbaa ufii yookaan haadha ufii arrabsu horomaa du'uu barbaachisa!› jedhee seere.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rabbi, ‹Abbaa keetii fi haadha tee kabajji!› akkasuma, ‹Namni abbaa ufii yookiin haadha ufii arrabsu horomaa du'uu barbaachisa qaba!› jedhee seere.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqinni, ‹abbaa keetii fi haadhaa kee'llee kabaji, abbaa yookiin haadha isaa irratti dubbii arrabaa ka dubbate du'aan ni adabama› jedhee, ajajee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi, ‹Abbaa keetii fi haadha teeti ulfeessi›, ‹Nami Abbaa yookiin haadhaa abaaru dhugumaan du'uu qaba› jedhee ajajeera.