Matthew 16:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba barattooti akka Yesuus uukoo daabbo'oo irraa adoo hin te'in, barsiisa Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eeggachise hubatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani aka inni bukho qit'a ta Farisayootiifi ta Sadukayo imbaaniini, ammo barsiisa Farisayootiifi ta Sadukayo eegad'a jed'eeni hubatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan akka innii Bukoo qixxaa ta Fariisootaa fi ta Saduqootaa hinbaannee, ammoo barsiisa Fariisootaa fi ta Saduqootaa eegadhaa jedheen hubatan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa isaan barumsa Fariisotaatii fi Saduuqootaa malee xoroshoo raacitii irraa akka uf eeggattan akka isaaniin hin jenne hennaa san qaabatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa isaan, Barumsa Fariisotaatii fi Saduqootaa malee, xoroshoo raacitii irraa akka uf eeggattan akka isaaniin hin jenne hennaa san qaabatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Barattoonni'llee, Yesus ufi eeggadhaa ka isaaniin jedhe, barsiisa worra Farisootaatii fi Saduqootaa irraayyi malee, shiishaa buddeenaa irraa akka hin ta'in ni hubatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba barattooti akka Yesuus uukoo daabbo'oo irraa adoo hin te'in, barsiisa Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eeggachiise hubatane.