Matthew 16:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani furtuu mootummaa ol-gubba'aa si'iif hin kenna, wonni ati lafa irratti hiite, ol-gubbaalle'etti ka hidhame te'a, wonni ati lafa irratti hiittelle ol-gubbaalle'etti ka hiikame te'a” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Fura Finna gubba siti kenna; waan atini lafa tana keesati didde gubbaleti didani, waan atini lafati ee jette gubbaleti ee jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Furaa Mootummaa Waaqaa sitti kenna; waan atin lafa tana irratti hiite Waaqaa gubbaalletti hidhan, waan atin lafatti hiikte Waaqaa gubbaalleetti hiikan” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani Bantuu jeennata sami'ii sii kenna. Wonti ati lafa irratti hiite maruu sami'ittillee ka hidhame ta'a. Ka ati lafa irratti hiittu maruu sami'ittillee hin hiikkama» jedhe
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani Bantuu jeennata sami'ii sii kenna. Wonti ati lafarratti hiite maruu sami'ittillee ka hidhame ta'a. Ka lafarratti ati hiittu maruu sami'ittillee hin hiikkama» jedhe
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kunoo, furtuuwwan Mootummaa Sami'ii siif ni kenna, ka ati ardditti irratti hiite sami'itti'llee ka hidhame ni ta'a, ka arddii irratti hiikite sami'itti ka hiikkame ni ta'a.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani furtuu mootummaa ol-gubba'aa si'iif hin kenna, wonni ati lafa irratti hiite, ol-gubbaalle'etti ka hidhame te'a, wonni ati lafa irratti hiittelle ol-gubbaalle'etti ka hiikame te'a» jedhe.