Matthew 16:21 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa sanii jalqabee Yesuus barattoota ifiitiin, “Ani gara Yerusaalemii dhaquu qaba; achitti harka jaarsole'eetitti, harka mootota hayyootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti guddoo hin rakkadha, hin ijjeeffamalle'e; guyyaa sadeesso'oo ammoo hin ka'a” jedhu'utti ka'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi suni Yesoni diideese jara ufiti hime waan jed'eeni, Anini Yerusalemu d'aqu male. Harka jaaroletiifi qaalole gugurdotiifi jara Seera beekhutiini gaargala. Ammalle na ijeesani, guyya sadeeso kau male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii sun Yesus diideessee jara ufiitti himee, “Anin Yerusaalem dhaquu male. Harka jaaroleetti, harka qaallolee gugurdootii fi jara seera beekuutti gaargala. Ammallee na ijjeessanii, guyyaa sadeessoo ka'uu male” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san irraa jalqabee Yesuus darasoota ufiititti, «Ani gara Yerusaalemii dhaqa; achitti harka manguddootaatitti, harka mootota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti guddisee rakkadha; hin ajjeefama; guyyaa sadeesso'ootitti ammo hin ka'a» jedhee himuu jalqabe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa san irraa jalqabee Yesuus darasoota ufiitiin, «Ani gara Yeruusaaleemii dhaqa; achitti harka manguddootaatitti, harka mootota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti guddisee rakkadha, hin ajjeefama; guyyaa sadaffa'aatitti ammoo hin ka'a» jedhee darasoota ufiititti himuu jalqabe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanii jalaqabee Yesus barattoota isaatiin akkana isaaniin jechuu jala ni qabe, «Gara Yerusaalemii deemu'utu narra jira, achitti'llee jaarsotii, itti gaafatamoota qeesotaatii fi barsiisota seeraa irraa rakkinni narra ni gaya, ana ajjeesan, garuu guyyaa sadaffaa titti ni ka'a.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa sanii jalqabee Yesuus barattoota ifiitiin, «Ani gara Yerusaalemii dhaquu qaba; achitti harka jaarsole'eetitti, harka sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti guddoo hin rakkadha, hin ijjeefamalle'e; guyyaa sadeesso'oo ammoo hin ka'a» jedhu'utti ka'e.