Matthew 16:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Yesuus barattoota ifiitiin, “Nami yoo na hordofuu barbaade ifi mormatee, fannoo ifii ba'atee na hordofuuti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yesoni waan jara ufitiini jed'e, Yo nami tokoleeni na gula deemu fed'e ha ufi mormate, maskali ufi baate na gula deemuti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus jara ufiitiin, “Namii tokkoolleen yo na gula deemuu fedhe ha ufii mormatee, fannoo ufii baatee na gula deemuutii.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Ka ana faanaa deemuu fedhu yoo jiraate uf haa waakkatuu, fannoo ufii baatee na faanaa haa deemuu.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Na faanaa deemuu ka fedhu yoo jiraate uf haa waakkatuu, fannoo ufii baatee na faanaa haa deemuu»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti Yesus barattoota isaatiin akkana isaaniin ni jedhe, «Ana horddofu'uuf ka barbaadu mataa isaa haa waakkatu, fannoo isaa'llee baadhatee ana haa horddofu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yesuus barattoota ifiitiin, «Nami yoo na hordofuu barbaade ifi mormatee, fannoo ifii ba'atee na hordofuu ti.