Matthew 16:25 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami jiruu ifii fayyifatuu barbaadu hin dhaba; nami anaaf jedhee jiruu ifii dhabu, hin dhaggata.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi nami jireenna ufi baasu fed'u ch'ufti ind'aba; ammo nami jireenna ufi naa jed'e balleesu inargata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanaatiif namii jireenna ufii baasuu fedhu cuftii hindhaba; namii ammoo jireenna ufii naa jedhee balleessu inargata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni lubbuu ufii hambisuu fedhe maruu hin balleeffata; ka anaaf jedhee lubbuu ufii dhabu maruu hin argata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni lubbuu ufii hambisuu fedhe maruu hin balleeffata. Naaf jedhee lubbuu ufii ka dhabu maruu hin argata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Lubbuu isaa fayyisuu ka barbaadu marrinuu ni balleesaan, lubbuu isaa waayee kiyyaaf ka balleessuun garuu, ni arigataan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami jiruu ifii fayyifatuu barbaadu hin dhaba; nami naaf jedhee jiruu ifii dhabu, hin dhaggata.