Matthew 16:26 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nami waan lafa tanaa mara qabaatee lubbuu ifii ammoo yoo dhabe maan isaa baati? Yookiin nami wodoo lubbuu ifiitiif gatii maan kaffalu'uu dande'a ree?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo waan lafa ch'ufa argatani ammo jireenna ufii d'abani, maani namaa baati? Nami maani dandae gati jireenna ufiti baasa?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo waan lafaa cufa argatte ammoo jireenna ufii dhaban, maan namaa baati? Namii maan danda'ee gatii jireenna ufiitii baasa?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni yoo bu'aa adunyaa tanaa maraa argate, lubbuu ufii ammo yoo balleeffate maal isaa godha? yookaan namni gatii lubbuu ufiitiif maal kenna?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni bu'aa adunyaa tanaa maraa yoo argate, lubbuu ufii ammoo yoo balleeffate maal isaa godha? yookiin namni gatii lubbuu ufiitiif maal kenna?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Naminni qabeenna biyya lafaa mara yoo argate, lubbuu isaa garuu yoo balleesse, maal isa fayyada? yookiin naminni jijjiirraa lubbuu isaatiif maal kafaluu dandda'aa?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami waan lafa tanaa mara qabaatee lubbuu ifii ammoo yoo dhabe maan isaa baati? Yookiin nami wodoo lubbuu ifiitiif gatii maan kaffalu'uu dande'a ree?