Matthew 16:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dhalooti hama'aa fi Waaqaaf hin addatanne beessisa barbaada; ammoo beessisa Yoonaasii malee, beessisi hin kennamuuf” isaaniin jedhe. Achiin duuba Yesuus isaan lakkisee deeme.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'alooti hamani Waaqa didu kunini akheekha mama, barbaada akheekhi mama ka anini nama garsiisu injiru ka Yona male. Duuba akasi jed'e kae worra bira iti d'aabate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dhalootii hamaan Waaqaa didu kunin akeeka mamaa, barbaada ka Yoonaasii male akeekii mamaa ka anin nama garsiisu hinjiru” jedheen. Duuba ka'ee warra biraa itti dhaabate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dhaloonni hamaanii fi seebaraan malkata barbaada; malkata raatticha Yoonaasii malee malkanni biraa hin kennamuuf» isaaniin jedhe. Achiin maayessa Yesuus isaan dhiisee deeme.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dhaloonni hamaanii fi seebaraan malkata barbaada; malkata raatticha Yoonaasii malee, malkanni biraa hin kennamuuf» isaaniin jedhe. Achiin maayessa Yesuus isaan dhiisee deeme.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dhaloonni hama'aa fi hin amanne malikata argu'uuf ni barbaada, garuu malikata nabiyyicha Yoonaasii malee, malikanni bira'aa hin kennamuuf.» Kanaan duubatti Yesus isaan dhiisee, gara bakka bira'aa ni deeme.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhalooti hama'aa fi Waaqaaf hin addatanne beessisa barbaada; ammoo beessisa Yoonaasii malee, beessisi hin kennamuuf» isaaniin jedhe. Achiin duuba Yesuus isaan lakkisee deeme.