Matthew 17:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Barattooti isaalle, “Barsiisoti seera Muuse'ee Eliyaasitti dursee dhufuu qaba maaf jedhan ree?” jedhanee isa gaafatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani jari isa gaafate waan jed'eeni, Jari Seera beekhu maafi Eliyaani isa durati d'ufu male jed'a?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan jarii isa gaafatee, “Jarii seera beeku maaf Eliyaasas isa duratti dhufuu male jedha?” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Darasoonni isaa, «Eegasuu barsiisoonni Seera Muuse'ee duraan dursee Eeliyaas dhufuu barbaarchisa maaf jedhan ree?» jedhanii isa gaafatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Darasoonni isaallee, «Eegasuu barsiisoonni Seera Muuse'ee duraan dursee Eeliyaas dhufuu barbaarchisa maali'iif jedhan ree?» jedhanii isa gaafatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Barattoonni isaa'llee, «Eegaa barsiisonni seeraa durissee ka dhufuu qabu Eliyaas maali'iif jedhan?» jechu'uun, Yesusiin ni gaafataniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barattooti isaalle, «Barsiisoti seera Muuse'ee, ‹Eliyaasitti dursee dhufuu qaba› maaf jedhan ree?» jedhanee isa gaafatane.