Matthew 17:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus ayyaana hamaa san xixee, mucaa keessaa baase; mucaalle yoosuma fayye.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni isaani lole, jinniini keesaa baate, gurbaani hojuma suni fayye.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus jinniin lolee, jinniin gurbaa keessaa baatee, gurbaan yoma sun fayye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus jinnii san teedeffatee mucaa keessaa baase; mucaan hennama san irraa jalqabee fayye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus jinnii san teedeffatee, jinniinillee mucaa keessaa baase; mucaanillee hennama san irraa jalqabee fayye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus jinni'itti ni baanate, jinniin'llee mucaa keessaa ni baye, mucaan'llee yeroma sanitti ni fayye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus ayyaana hamaa san xixee, mucaa keessaa baase; mucaalle yoosuma fayye.