Matthew 17:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Innille isaan duratti bifa jijjiiramee, fuulli isaalle akka adu'uu ifee, woyaan isaalle adii calalaxxuu teete.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worra durati jijirame, fuuli isaa aka adu ifse, woyaani isaa aka ifsa adaatte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warra duratti jijjiirame, fuulii isaa akka aduu ibsee, wayaan isaa akka ibsee addaatte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee isaan afo'otti jijjiirame; fuulli isaa akka adu'uu ife; uffanni isaa adii weeccaa ta'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee afoo isaaniititti jijjiirame, fulli isaallee akka adu'uu ife, uffanni isaallee adii weeccaa ta'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Achitti isaanuma duranatti bifitti isaa ni jijjiirame, fuulli isaa'llee akka adu'uu titti ni ife, uffanni isaa'llee adii ta'ee akka ifaa titti ni calaqise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Innille isaan duratti bifa jijjiiramee, fuulli isaalle akka adu'uu ifee, woyaan isaalle adii calalaxxuu teete.